Bulbulaa

Paarkiin Industrii Qonna Walsimaa Bulbulaa Eebbifame/ saaqame

Guyyaa: 9 Caamsaa 2021 A.L.F

Muumeen Minsiteeraa Dr. Abiyyi Ahimad Paarkii Industrii Qonna Walsimaa Bulbulaa kan saaqan yoo tau mootummaan seektar qaonnaa Ethiophiaa hammayyeessuuf tattaafii godhu itti fufa.

Muumeen Minsiteeraa Dr. Abiyyi Ahimad yeroo saaqiinsa Paarkii akkana jedhan “Humna dandeettii qonnaa keenya hammayyeessuu cimuu kan danda’u, misooma industrii qonnaatiin” Paarkiin kun kan argamu Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Shawaa Dhiyaa ti.

Itti dabaluunis Dr. Abiyyi Ahimad akkana jedhan “ Paarkii Industirii Qonna Walsimaa Bulbulaa kana saaquun/eebbisuun keenya qonnaan bulaa fi maamila keenyaaf malattoo mul’ata badhaadhinaa seektara qonnaa ti”

Lammiileen Afrikaa Bahaa paarkiiwwan Industirii Qonna Walsimaa yeroo misoomsan transifoormeeshiinii diinagdee industiriin durfamu safisiisuu ilaalcha keessa galchanii ti.

PIQW Bulbulaa paarkiiwwan Etoophiyaa keessatti mootummaan hundeeffaman keessaa tokko yoo ta’u kan xiyyeefatus omisha qonnaa irratti . Paarkichi kan ijaarame lafa heektaara 271 irratti yoo ta’u, baasii qarshii Biliyoona 9 biyyattii baasisee jira.

Obbo Malaakuu Alebal, Minsteerri Minsterera Daldalaa fi Industirii, iddoon argama apaarkii kanaa paarkiiwwan kaawwanirraa addaa akka ta’e ibsanii jiru.

Paarkiin kun haroowwan Ziwaay, Abijaataa fi Laangannoon marfamee kan jiruu dha. Paarkichi geejjiba baaburaa fi dandii saffisaa, Magaalaa finfinnee fi Buufata Mojootti dhiyeenyaan argama.

Akkanumas paarkichi meeshalee dheedhii qonnaa argachuuf carraa gaarii kan qabuu fi qonnaan bultoonni oomishaa isaanii akka salphaatti adeemsa dhiyeessii walxaxaa malee gabaa irra oolfatu jedhanii jiru

Madda: https://ethiopianmonitor.com/2021/05/09/bulbula-integrated-agro-industry-park-inaugurated/

Oduu:
Bulbulaa Keessatti Investii Godhaa

Hello, welcome to Bulbula Integrated Agro Industrial Park, we are the first choice for Asian, European and American foreign investors to invest in Bulbula IAIP…